GUMMAATA SIYAASA

Gummaata Siyaasa Biyyaa Hin Guddaatini fi Deggaartoota Siyaasa.

Siyaasni biyyaa keenya gummaata tahu isaatin namooni bayyeen dhugaa jiru dhisaani, nama namaa dirruu deggaaru jaalatu.

Gummaata Siyaasa …Namooni nama deggaaran siyaasa walaallu isaani muliisa. Namooni dhugaa deggaaran garuu beekumsaa qabanniiti fayyaadamo tahu isaani argiisisaa.

Baalina oduu kanaaf Telegram Channels Xinxaala Siyaasa obboo Jawar Mohammed Shirri Dinquu Dayyaasaa irratti xaxamaa jiru, waa’ee dureessa Oromoo biraa tokko yeroon yunivarsitii jiru osoon qorannoo geggeessu baradhee tokko na yaadachiisa. Mootummaan EPRDF akkuma angoo qabateen siyaasaafi security qofa osoo hin taane diinaggees too’annoo jala galchuun akeeka isaa ture. Keessattuu diinaggeefi dureeyyota kutaa hawaasaaa sirnichaan morman keessatti argaman yoo danda’ame of jalatti deebisanii maxxantuu gochuu yookaan ammoo dhabamsiisuudha. Bifa kanaan daldalaan Oromoo muraasi harka kennate irra jireessi sababa garagaraa itti uumuun hiyyomfame biyyaa ari’ame.

Daldaltoota akkasii keessaa guddaan bara sanaa Gabrayyas Beenyaa jedhama. Kubbaaniyyaan isaa ammoo Amalgametid jedhama ture. Tarii yeroo EPRDF angoo qabatutti dureessi guddaan import-export irra hojjatu kubbaaniyyaa kana ture. Namni kun dhaloonni isaa naannawa Sabbataa kana. Tiksitee irraa ka’eet carraaqqii ofiin miliniyeera ta’e. Mootummaa Wayyaaneen kan walitti bu’e sababa lama ture. Kan duraa dureessa ofiin guddateefi hirkannaa mootummaa hin qabne waan ta’eef jara haaraa dhufte jalas shululukuun isa hin barbaachifne. Sossobbiifi doorsisa isaaniitiif harka kennatee itti maxxanuu diee. Kan lammataa gosa daldalaa inni keessatti hirmaatuudha. Yeroo sanitti xaa’oo qonnaan biyya kana kan galchu kubbaaniyyaan hangafni kan isaa ture. Namni xaa’oo harkaa qabu qonnaan bulaa akka harkaa qabu Mallasaan faan hubatan. Kanaafuu kubbaaniyyaa isaan dorgomu ijaaranii gabaa ala isa baasuu barbaadan. Hin taane. Warri Xaa’oo omishus qonnaan bulaanis Gabrayyas waggoota dheeraaf waan beekaniif maammilummaa addaan kutuu didan. Caalbaasiin yeroo bahu isumatu moo’ata. Gaafa kaan akkuma inni caalbaasii moo’ateen yaamanii biyya alaatii ati galchi qonnaan bulaaf garuu nutu raabsa, bu’aas addaan qooddanna jedhaniin. Jaarsi conservative fi ofiin boonaa waan tureef mataa jabaate. Yoo barbaaddan caalbaasiin na moo’aa malee kanin ani moo’adhe isiniif hin hiru jedheen. Raabsuus yoo taate daldaltoota maammiloota naaf ta’an kan narraa fuudhanii raabsantu jira isaan harcaasee isinitti hin kennu jedheen.
San booda tarkaanfii humnaatti cehan. Gibirri irra hin jirre waraqaarra tuulamuu eegale. Liqaan baankii dhalaa waliin sobaan gadi yaafame. Isaafi maatii isaas bahaa gala dhoowwuun doorsisni cime. Duulli maqaa balleessii hamii mana shaayiifi miidiyaa mootummaan itti baname. Hammaannaan maammilooni isaa kubbaaniyyaalee Ameerikaa lubbuu isaa baraaruuf fudhatan., Akkuma inni biyyaa baheen qabeenya isaa qircatan. Daldala isaas warri booda EFFORT ta’e dhaale. Kan biraa dhiisii konkolaataa dhuunfaa isaa qondaalli tokko fudhatee akka oofaa ture irra gaheen jira. Nama dureessa hammas gahu mana jireenyaa takkittii qofatu hafeef.

Seenaa kana maatii isaa, qondaalota mootummaafi maamiltoota isaa interview godheen research paper takka katabee ture. Yeroo tokko ammoo qondaala mootummaaa takkaan intartneetii gubbaatti atakaaroo seennee dubbii tanaan tuqeen ture ( screenshot) laalaa. Obbo Gabrayyas afaan isaatiin seenaa kana miidiyaa ESAT gubbatti boodana dubbachuu isaa nan yaadadha.

Dubbiin Dinquus garas deemaa jirti fakkaata. Ka’uumsi ishii waldhabbii dhuunfaa qondaala tokko waliin qaban ture. Waanin keessa beekuuf anuu yeroo takkaa lama dubbii tana fixadhaa jechaanii ture. Jaarsotattis himeen ture. Amma garuu fuula jijjiirachuu ishii argaa jirra. Bilxiginnaan Dinquu sochii diinaggeetiin ala gochuu akka barbaaddu ifa ta’aa jira. Gamaa gamanaa itti roorrisanii biyyaa baasanii, san booda sababa garagaraatiin qabeenya isaa saamuuf jedhu fakkaata. Akkuma warri isaan guddise waggota 25 dura Gabrayyas Beenyaa godhan san. Akkuma Mulunaa Kakaaa godhan.

Hubadhaa hamma mirgi abbaa biyyummaa mirkanaa’ee sabni kun qa’ee isaa irratti mootummaa ofii filatee buluu eegalutti, mirgi matayyaa kan diinaggee, hawaasummaa, amantiis ta’ee kan biroo wabii hin qabu. Kanaafiidha qabsoon godhamu kan mirga siyaasaa qofa osoo hin taane kan waan cufaati kan jennuuf.

Advertisement

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.