Dandeeti keenya yaa maddaalu

Daqiiqaa Tokko Keessatti Wantoota kanneen
gochuu dandeessa
————————
Daqiiqaa 1 keessatti maal gochuu akka
dandeenyu beektuu?
—————–
1. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Faatihaa yeroo 5
qara’uu ni dandeenya. Kanaanis mindaa 7000
argachuu dandeenya jechuu dha.
—————-
2. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Iklaasii (QUL
HUWA ALLAH ) yeroo 15 dubbisuu ni dandeenya.
Kunis Qur’aana Juuzaa 30 harka 5 akka
kattamutti nuuf qabama.
——————–
3. Daqiiqaa 1 keessatti Nabiyyii jaalatamaa
keenya (s.a.w) irratti yeroo 20 salawaata buusuu
ni dandeenya. Kanaanis Rabbiin nurratti
salawaata 200 buusa jechuu dha.
——————–
4. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 25 “Subhanallah,
walhamdulillah walaa ilaaha illallah wallahu
Akbar” jechuu ni dandeenya. Jechotni kunneen
immoo jechoota Rabbiin biratti irra jaalatamoo
ta’anii dha.
—————-
5. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 50 “Subhaanallah
wabihamdihii, subhaanallah Al-aziim” jechuu
dandeenya. Jechootni lameen kunneen jechoota
arrabarratti jechuudhaaf salphoo tahanii dha kan
garuu madaala Rabbii irratti ulfaatoo fii Rabbiin
biratti jaalatamoo tahanii dha.
———————
6. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 100 “Astegfurullah”
jechuu dandeenya. Istigfaara gochuun immoo
jaalalaa fii araarama Rabbii argachuuf akkasumas
Jannata aseenuuf sababa nuuf tahuu danda’a.
——————–
7. Daqiiqaa 1 keessatti harka keenya gara
gubbatti olqabnee “Yaa Allah!” jechuudhaan waan
meeqaa-meeqa Rabbii keenya kadhachuu
dandeenya yaa obboleeyyan Islaamaa.
—————-
Obboleewwan Muslimaa, haa hubannuu! Umriin
keenya jechuun bu’aa ida’ama sekondiiwwaniitii
fii daqiiqaawwanii tahuu isaa yoomuu
irraanfachuu hin qabnu. Kanaaf yeroo keenya
qaalii tahe kana seeraan itti haa fayyadamnuu!
——————
Rabbiin guyyaa tokko keessatti sekondiiwwan
86,400 nuuf kennee jira. Mee qananii
laakkawamee hin dhumne kan Rabbiin nurratti
ooleef sekondii tokko fudhannee
“ALHAMDULILLAH” jechuun Rabbii keenyaaf
galata haa galchinuu!
——————-
Alhaamdulillah
_________________
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@dargaaggojannataa
@dargaaggojannataa

🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹

Advertisement