Humni waraana TPLF Tigraay bulchaa jiru, waraana itti aanuuf qophii guutuu godhuu isaa beeksise.
Ajajaan waraana hidhattoota TPLF Let. Jeneraal Taaddasaa waradaa ibsa midiyaaf nannichaaf kennaniiru.
Qondaala Ol’aana Raayya ittisa biyyaa duraanii fi Ajajaa waraanaa hidhattoota TPLF Waraanni amma qophaa’e “waan barbaanne kan ittiin hojjachuu dandeennuudha.” Jechuun ibsa kennaniiru.
“Amma yeroo argannee itti hojjanneerra” kan jedhan jeneraalichi “qophii keenya hunda xumurree jirra,” jedhaniiru.
Waraana kanaan dura ture caala lola guddaa akka ta’u kan himan yoo ta’u, waranni kunis “kan galma dhumaa bira nu geessuudha” jedhaniiru.(ALAINAmharic)