Waa’ee Jaanabdaa

Waa’ee JANAABAA/JANAABDAA Hiikkaa fii Seerota Janaabaan walqabatee wantoota shari’aan dubbatu armaan gadii kana hedduun keenya hin beeknu. Yookiin immoo irraanfatnee jirra taha. Kanaaf mee wal haa barsiifnuu ykn wal haa yaadachiifnuu. Obsaan eega dubbiftanii booda Share gochuun obboleewwanii fii hiriyyoota keessaniifis dabarsaa! ——————– Waa’ee janaabaa dubbachuun dura hiikkaa jechootaa haa ilaalluu. 1. MANIYYII (Dhangala’oo Sanyii, Ispermii):- Maniyyii jechuun dhangala’oo yeroo walqunnamtii saalaa raawwatamu xumura irratti bifa ariitii qabuu qaama saalaa keessaa darbamee bahu dha. Dhangala’oon kun Dhiiraaf furdaa fii halluun isaa adii tahee gara keellotti kan dabuu dha. Dubaraaf immoo dhangala’oo qal’aa fii keelloo tahee dha. (Muslim:311) Hafuurri isaa gara lixii bukaayetti dhihaata. Mallattooleen kunniin sababa garagaraatiin jijjiiramuu malu. Dhangala’oon kun eega qaama keessaa bahee booda qaamni namaa qabbanaawuu fii of-gadi dhiisuutu dhufa. Dhangala’oon kun madaala ilaalcha ulamaa’ii hedduu kaasuun xohaaraa malee najaasaa miti. Ragaaleen sahiiha tahan hedduun kana deeggaranii bahaniiru. (Muslim:694), (Al Irwaa’i:1/197). Yeroo ofi-beekanitti tahee eebjuu keessatti dhangala’oon kun yoo bahe qaama dhiqachuun namarratti dirqama dha. ————— 2. Maziyyii:- Dhangala’oon kun dhangala’oo haallu-dhabeessa (akka bishaanii) kan wal-harkisu kan yommuu walqunnamtiin barbaadamu ykn immoo sammuu keessatti yaadamu gara qaama saalaa irraan dhufuu dha. Haalli dhufiinsa isaa miira gammachuu wajjiinii miti. Dhangala’oo darbamee bahu waan hin taaneef bahuu isaatu beekuu dhabuu dandeenya. Dhangala’oon kuni najaasaa waan taheef qaama nu xuqee jiru sana dhiqachuun barbaachisaa dha. Huccuu garuu iddoo nu xuqe sana bishaan irratti firfirsuun qulqulleessuun gahaa dha. Iddoo qaamaa nu xuqe sana malee qaama guutuu dhiqachuun dirqamaa miti. Wanti beekuu qabnu dhangala’oon kun wudu’a ni balleessa. ………… 3. Wadiyyi:- Dhangala’oon kun dhangala’oo fincaaniin booda dhufu yommuu tahuu halluun isaa adii fii kan foolii hin qabnee dha. Dhangala’oon kun amala walharkisuu fii walitti maxxanuu hin qabu. Seerri dhangala’oo kana irratti jiru seeraa fincaani irratti baheen tokko dha. Garaagarummaa hin qabu. —————- 4. Dhangala’aa qaama dubartii keessaa bahu:- Dhangala’oon kun dhangala’oo haphii gadaamessa dubartii keessaa bahuu dha. Hammi isaa dubaraa dubaratti garagarummaa qaba. Bahuu isaatuu beekuu dhabuu dandeessi. Qaamas tahee huccuu ishee yoo xuqe najaasaa hin qabu. Xohaaraa dha. Haatahuu garuu wudu’a ishee ni balleessa. Maaliifuu wanti gara qaamolee xuraawaa baasaniin bahu waan wudu’a balleessuuf. Haalli dhangala’oon kuni itti bahu itti fufiinsaan yoo tahe salaata hundaafuu waqtiin salaataa yommuu aseenetti wudu’a gochuudhaan salaatuu qabdi. Wudu’a eega gootee booda osoo bahees iddoo hin qabu. ————————– Qaama Guutuu Dhiqachuun Yoomi Dirqama Taha? ————————- 1. Walqunnamtii saalaa eega raawwatamee booda Dhangala’oon sanyii (Maniyyiin) dhangala’es dhangala’uu baates qaama guutuu dhiqachuun dirqama. 2. Walqunnamtii saalaa osoo hin raawwatin miira gammachuutiin maniyyiin (dhangala’oon sanyii) yoo dhangala’e ammas qaama dhiqachuun dirqama. 3. Eebjuudhaan akka waan walqunnamtii saalaa raawwatetti ilaalee yoo maniyyiin dhangala’uu isaa arge qaama dhiqachuun isa irratti dirqama. 4. Eebjuu keessatti yoo akka walqunnamtii saalaa raawwate argeetiin booda garuu yommuu hirribaa ka’u maniyyii dhangalaasuu isaa arguu dhabe qaama dhiqachuun isa irratti dirqamaa miti. Sohaabiyyaan Ummu Suleeymi jedhamtu (r.a) “Yaa Ergamaa Rabbii s.a.w! Dubartiin takka yoo ihtilaama taate (eebjuu isheetiin akka waan walitti dhufeenya gootetti argite) dhiqachuun ishee irratti dirqama moo?” jettee yommuu gaafattu Ergamaan Rabbii s.a.w “Yoo dhangala’oo ofirratti agarte, Eeyyan dhiqachuun dirqama.” jechuun deebisaniif. (Bukhaarii fii Muslim gabaasaniiru) 5. Namni tokko yoo eebjuun walqunnamtii raawwatu arguu dhabee ykn yaadachu…

Shek Jemal Bekarin bara’ee

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.