FIAS Apii sobatti jedhame

FIAS

Tooftaa burjaajessa oonlaayinii “Fiyaas (FIAS)” jedhamuun namoonni maallaqa isaanii dhaban qaamolee seera kabachiistotaaf eeruu kennuun tumsa akka taasisan Tajaajilli Tika Faayinaansii waamicha dhiyeesseera.

Daayrektarri Kominikeeshinii Tajaajila Tika Faayinaansii Obbo Indaalee Asaffaa akka ibsaniitti, ‘yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeessa isin taasisna’ jechuun miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun, qaamoleen hojii burjaajessuu raawwatan dabalaa dhufuun, Dhaabbata Odeeffannoo fi Tikaa Biyyaalessaa waliin ta’uun hojiileen garagaraa hojjetamaa tureera.

Gochaan oonlaayinii ‘Fiyaas’ jedhamuus miidiyaalee hawaasummaa fi oonlaayinii gargaaramuun qaamolee hojii burjaajessuu hojjetan keessaa tokko ta’uu akka danda’uu eeraniiru.

Gochaa kana qaamoleen raawwataan abdii hinjirre nama keessatti uumuun namoota burjaajessaa jiraachuu eeranii, hawaasnis seera qabeessummaa isaa utuu hinmirkaneeffatiin hawwatamuun, yakkichi akka babal’atu taasisaa dhufuu ibsaniiru.

Namoonni ‘Fiyaasiin’ burjaaja’an eeruu kennaniin, daandiilee kaffaltii garagaraa fayyadamuun kanneen maallaqa walitti qaban, haalichi hanga adda baafamutti herregni baankii isaanii akka hinsochoonee haalli itti taasifamu ni uumama jedhaniiru.

Waliigalaan adeemsi qorannoo yakkaa kun jalqabbiirra jiraachuu eeranii, dhimmichi qulqullaa’ee hanga xumuramutti odeeffannoo guutuu kennuun akka hindanda’amne ibsaniiru.

Hawaasni, miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun hojiilee hojjetaman irratti wayita hirmaatanii fi qaamoleen waliin hojjetan Ityoophiyaatti beekamtii seera qabeessaa, sirrummaa, eenyummaa fi teessoo isaanii mirkaneefffachuu akka qaban eeruu isaanii EBC’n gabaaseera.

Advertisement